Ajjeechaa Najjoo: 'Abbaa malee dhagaa baadhee guddiseen deebisee awwaalladhe'

Magaalaa Najjoo

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjootti ajjeechaa raawwateen lubbuun namoota 4 yoo darbu sadii immoo madaa'anii tajaajila fayyaa argachaa akka jiran ibsame.

Imaltoonni 10 konkolaataa tokkoon ganda baadiyyaa Aanaa Najjoo argamurraa gara magaalaa Najjoo osoo imalanii km 10 yeroo hafu ajjeechaan raawwatuu isaa qondaalli mootummaa BBC'tti himaniiru.

''Waliigala kan turan namoota 10. Kanneen keessaa kan du'an afuri, kan madaa'an 3 kan nagaan achi keessaa bahan namoota 3,'' jechuun bulchaan aanichaa Obbo Taliilaa Tarrafaa dubbataniiru.

Namoonni du'anis ta'e madaa'an hojjettoota mootummaa waajjira gara garaa keessa hojjetaniifi qonnaan bultootaaf 'xaa'oo raabsuu' kan deemaniidha jedhan.

Ajjeechaa raawwate kanaaf Obbo Taliilaan hidhattoota kana dura ABO jala turaniifi yeroo ammaa aanichatti sosso'an himataniiru.

Maaltu ta'e?

Ajjeechaan gaafa Jimaataa darbe Caamsaa 21, 2012 raawwate.

Akka qondaaltonni himanitti qondaaltonni aanichatti ganda Amumaa Deeggarootti qonnaan bultoota rakkoo nageenyaa Naannoo Benishaangulitti dhaqqabeen buqqa'anif deeggarsa ergame kennuu dhaqan.

Deeggarsi kuni dhaabbata miiti mootummaa kanneen rakkoo nageenyaan qe'ee irraa buqqa'anii turaniifi yeroo ammaa qe'eetti deebi'an gargaaruuf kan taasifamedha.

Deebi'aa osoo jiranii garuu naannoo sa'aatii 9:35 irratti ganda Waaqgaarii bunaa iddoo addaa mana barumsaa Dongoroo Bunaa biratti, dhukaasni akka itti baname himu qondaaltonni.

Namoonni du'an achumatti lubbuun isaanii darbuu himan Obbo Taliilaan.

Kanneen du'an eenyu?

BBC'n qondaaltota irraa akka odeeffateetti kanneen du'an afur keessaa tokko, ogeessa yaala horii yoo ta'u, tokko immoo konkolaachisaadha.

Kanneen lama hafan immoo waajjira Bulchinsaafi Nageenyaa keessa hojjetu.

Kanneen madaa'an keessaa lamas waajjira bulchinsaafi nageenyaa keessa kan hojjetan yoo ta'an, kan biraa immoo ogeessa hooggansa waajjira sodaa balaa Aanaa Najjooti.

Akkamiin raawwate?

Osoo deemaa jiranii ''jalqaba gommaa konkolaataa rukutani,'' kan jedhan Obbo Taliilaan, yeroo konkolaataan dhaabbatu hidhattoonni itti dhukaasuu himu.

''Jiraattota naannoo sanarraa akka adda baafannetti humni yeroo sana bakka sana socho'aa ture, gara nama saddeeti akka dhihaatudha. [Humnoota nageenyaa irraa meeshaa waraanaa afuris fudhatanii deemaniiru.''

''Warreen kaan konkolaataan akka dhaabateen baqatanii harkaa bahani. Warra harkaa bahuu hin dandeenye garuu ajjeesaniiru. Kan rukutamanii lafatti hafan immoo du'aniiru jedhanii dhiisanii deeman,'' jechuun himan.

Erga ajjeechaan raawwatee booda Raayyaan Ittisa Biyyaafi Humni Addaa [Oromiyaa] sakatta'insa gaggeessaa jiraachuu himaniiru. Ta'us, kan to'atame jiraachuu hin ibsamne.

Yaaddoo uumame

Ajjeechaan akkanaa Aanaa Najjoo keessa yeroo raawwatu kuni kan duraa miti. Bara darbe namoota shan, lammiilee biyya alaa dabalatee, ajjeechaa raawwateef mootummaan hidhattoota himateera.

Hidhattoonni garuu himannaa kana ni balaaleeffatu.

Ajjeechaa bara darbe as aanichatti qondaaltota biroo irratti ajjeechaan raawwateera kan jedhan bulchaan aanichaa, yeroo dhihoo asitti sababa haleellaan raawwateef akkanaan ibsu.

Duula mootummaan ji'oota muraasa darbanif gaggeesseen nagaan bu'uu kan himan qondaalli kuni booda kana rakkoon akkamiin akka mudate himu.

''Amma dhiheenya kana garuu humni kuni [hidhattoota] karaa Lixa Oromiyaa keessaa Dambi Dolloo gara Najjootti galaa akka jiru odeeffannoo dhageenye,'' jechuun himu.

''Yeroo ammaa kanaa xiqqoo sochiin isaanii waan jiruf ummanni sodaa nageenyaa keessa jira,'' jechuun kan ibsan bulchaan aanaa, ajjeechaa raawwateen hojjetoonni mootummaas yaadda'uu ibsu.

''Sodaan uumameeti jira. Namni gara baadiyyaatti paatiroliidhaan [eegumsa nageenyaa] alatti socho'uu hin danda'u,'' jechuun himaniiru.

Maatiin maal jedhu?

Namoota afur ajjeefaman keessaa tokko Abdii Abarraati. Abdiin akka maatiin jedhanitti reefu umriin isaa 21 dha. Erga hojii konkolaachisummaa argates reefu torban sadiidha.

Isa dura magaalaa Najjootti bajaajii namaa oofuun jiraata ture. Hojii amma argateen mindaallee hin nyaanne jedhu maatiin.

Obboleessa isaa hangafaa akka ta'e kan himu Teedii Abarraan waa'ee Abdii yoo himu hirqinfachaati.

''Innis abbaa malee guddate dhalli isaa kunoo abbaa malee… wayyoo haadhookoo abdiikoo,'' jechuun boo'ichaan ibsa.

Abdiin ilma waggaafi ji'a lamaa akka qabu BBC'tti kan himan maatiin, duuni isaa itti himamuu guyyaa tokko dura isaan dubbisee ture.

''Roobii dhufee bule Kamisa asii deeme. Jimaatadha duuti isaa. Sambata duraa ganama reeffa isaa fidani,'' jechuun hojii ijaarsaan akka of jiraachisu kan himu Obboleessi isaa Teediin dubbata.

Ta'us, sababa ajjeechaa akka hin beekne hima. ''Tokkitti haadhookoo dhagaa baadhee dhagaa cabsee guddifadhe dhabe.''

''Abbaa malee dhagaa baadhee haadhookoo guddiseen haadhookoo abdadhuun deebisee awwaalladhe. Carraan nu qaqqabe mana diinaayyuu hin gahin,'' jechuun hima.

Ajjechaa hin dhaabbanne

Waggoota muraasa darbaniif Lixaafi Kibbi Oromiyaa rakkoo nageenyaa uumameen namoonni lammiilee nagaa hedduufi qondaaltota dabalatee lubbuu dhabaniiru.

Ajjeechaawwan raawwataniif mootummaan hidhattoota yeroo himatu, hidhattoonnis waraana mootummaa himatu.

Ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatuuf jiraattonni humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota dur ABO jala sosso'aa turan himatu.

Biiroon Bulchinsaafi nageenyaa Oromiyaa tibbana waggaa tokko olif bakkeewwan hidhattoonni sosso'anitti namoonni 770 du'anii yeroo argaman, kanneen 1,344 ammoo miidhamuu ibseera.

Dabalataan, 72 kan ta'an hidhattootaan ukkaamfamaniiru jechuunis himaniiru.